Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Godina Shawaa Lixaa Ona Baakkoo Tibbeetti jiraattonni ganda Bacarraa lafaa fi qabeenya isaanii irraa buqqifamaa akka jiran maddeen gabaasan.


(Madda Oduu ABO/MOA/Gurandhala 13,2009) Gabaasaan nu dhaqqabe akka ifa godhutti Ona Baakkoo Tibbeetti jiraattoonni ganda Bacarraa, abbootii qabeenyaa Hindiitiif jecha lafaa fi qabeenyaa isaanii irraa buqqifamaa jiru.

Jiraattonni ganda kanaa bakka loon irra dheechifatanii fi lafa qonnaa isaanii irraa buqqifamanii, dirree irratti gatamuu gabaasaan nu gahe ifa godha. Lafti heektaarri 14,000 ganda qonnaan bulaa Bacarraa irraa eegalee hanga magaalaa Tibbeetti  jiru kun abbootii qabeenyaa Hindiitti akka gurgurametu gabaafame.

Jiraattonni naannoo lafaa fi qabeenyaa isaanii irraa buqqifaman gama isaaniitiin dhimmuma kana ilaalchisuun mootummaa naannoo Oromiyaa jedhamutti iyyaatan illee deebii waan dhabaniif, lafaa fi qabeenyaa isaanii irraa buqqifaman kana falmachuuf qophii ta'uu ifa godhanii ummanni Oromoo isaan cinaa akka dhaabbatu gaafataniiru.

*********

Diraamaan dharaa sirni wayyaanee ABO maqaa xureessuuf shira karoorfate buʼaa malee hoongaye.

(Madda Oduu ABO/MOA/Gurandhala 13,2009) Oduun MOA  dhaqqabe akka addeessutti maqaa mana barumsaa Dajjaaz Maach Garasuu Dhukii goolessitoota wayyaaneen kanaan dura gubateen ammas ABO ittiin balaaleffachuu fi maqaa xureessuuf tattaaffiin ergamtoota diinaan godhame firii malee hafe. 

Godina Shawaa Lixatti kan argamu mana barumsaa sad.2ffaa Dajjaas Maach Garasuu Dhukii goolessitootni wayyaanee bara 2002 keessa guban ummatni maallaqa isaa walitti baasee kan ijaarsise oggaa ta'u, sirna eebbaa geggeessina jechuun lukkkeeleen diinaa olola isaanii waltajjicha irratti ABO fi ummata Oromoo irratti oofuuf qindeeffatanis sagantaan isaanii duraa fashaluu danda'eera.

Sirna kana miidhaysuuf keessummoonni hedduunii fi Maarshiin Baandii Oromiyaa lukkee wayyaanee ta'an marti erga argamaniin booda sirni kun sababa hin beekamneen wayyaanota duraa fashalee jira.

Sababni sagantaan lukkeelee wayyaanee duraa fashaleef hin beekamin jiraachuu kan ifa godhe oduun kun sirnicha guyyaa biraatti akka dabarfatan saaxile.

Mootummaan wayyaanee karaa goolessitoota isaan mana barumsaa Sad.2ffaa Dajjaazmaach Garasuu Dhukii erga barbadeesseen booda, barattoota Oromoo fi sabboontota naannoon isintu ABO waliin walitti hidhatee gube jechuun yakkee mana hidhaatti darbuun akka darare beekamaa dha.

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net